GALAALCHA DIRREE 16

    Bajatni Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan bara 2014 Birrii Biiliyoona 4.8 raggaasise.

    Bajatni Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan
    bara Bajataa 2014 Birrii Biiliyoona 4.8 akka ta’u Wixinee Bajataa Hooganaan
    Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Bulchiinsaa Obbo Sulxaan Aliyyii akka
    ta’u Wixinee Bajataa kan dhiheessan irratti Marichuun Bajatni Bulchiinsa
    Dirree Dhawaa kan bara 2014 Birrii Biiliyoona 4.8 raggaasise…..GALAALCHA DIRREE 16 oro 16 Wixata – Hagaya 3 – 2013

    Gafarsa namni dur ajjeesee beekkamtii itti argatuun, animmoo madqseen guddise

    Qonnaan bulaa Gaashaawu Dammalaash Godina Illu Abbaa Booraa,
    Aanaa Daariimuu Ganda Abunaa Galii jiraataa.
    Dargaggeessa umuriin isaa waggaa 27 ta’e yoo ta’u abbaa maatiidha. ALI bara
    2008 baatii Muddee keessa manaa bahee akkuma yeroo biraa daandii imalaa osoo
    jiruu jabbii lagatti raaree keessatti kuftee tokko arga.
    Wayita itti siqee ilaaluuttis, jabbiin sun kan loonii osoo hin taane ilmoo gafarsaa
    ta’u hubachuu yaadata Gaashaawu.Garaa jabaatee bira darbuu kan dadhabe
    dargaggeessi kun jabbittii dhoqqee irraa dhiquun baatee gara manasaatti
    geessuuun kunuunsa taasisuuf eegala….GALAALCHA DIRREE 16 oro 16 Wixata – Hagaya 3 – 2013