“Imalli Badhaadhina Keenya Shira Juntaa fi ergamtoota isaatiin hin gufattu”

    Itoophiyaan Juntaa nu ganeen waraanamaati jirti.
    Mangudoo, dubartoota, daa’iman, dargaggoota hundi lammii Itoophiyaa waan tahan qofaaf Juntaan du’a hadhaawa irratti raawachaa jira.
    Magaaloonni Kaaba Itoophiyaati argaman marti hoomaan Awaaniisa akka midhaan fixuti Juntaanis Maneen barnoota, jiddu-gala Wal’aansa, bu’uraalee misooma Teeleekom, Sarara Elektirikaa, Baankiilee fi dhaabilee tajaajila kenan kan danda’an saamaa kaanis barbadeessu jiran.
    Raayaan ittisa biyyaatii fi humni nageenya seenaa boonsaa waraana idil addunyaarati hin dagatamne hojachuun biyya baraaruun abdii cimaa nuuf tahe jira. Raayaan ittisa keenya lamilleen keenya daandilee addunyaarati baga Itoophiyaaraa dhalanne ja’anii akka mataa ol qabatanii deeman kan taasise. Bulchiinsi Dirre Dhawaa wareegama raayaan ittisa biyaati fi humni nageenya kafalee fi kafaluuf kabaja olaanaa qaba.
    Bulchiinsi Dirree Dhawaati fi hawaasni Dirree Dhawaa duula waraanaa fuuldura taasifamuuf, raaya ittisa biyya cinaa hiriiruun waraana jalqabame yeroo gabaabaa keeysatti Itoophiyaan akka injifatu qabeenyi qorqodnu, meeshaan walli qabanu hin jiru. Lamiilee sababaa waraanaatiin miidhaan irra gahe buufataalee garagaraa jiran hojiin deebisanii ijaaruu hojii ijoo bulchiinsa Dirree Dhawaati.
    Hogantoonni bulchiinsa Dirree Dhawaa duula birmadummaa akka biyaati labsame walqabatee, itti gaafatamummaa haali yeroo akka biyaati gaafatu ummata keenya hiriirsuu fi qindeeysuun hanga daangaati duuluun wareegama hanga lubbuu kafaluuf qophii tahuu mirkaneeysa.
    Dargaggoonni bulchiinsa Dirree Dhawaati argamtan:- abdii boruu keeysan Juntaan dukaneeysuuf balaa dhaqabsiisuuf karoorfate jira. Dargaggoonni biyya abootii fi Abaaboolee isaaniraa dhaale ininiis faraqaa isaatiin bilisaa fi tokkummaa isii eeguun dhaloota itti aanutti dabarsuuf itti gaafatamumaan irree isaara kaayame jira. Kana waan taheef duula birmadummaa mootumaaraa si dhaqabe qeebaluun aarsaa lubbuu dabalatee kafaluun biyya akka baraartu waamicha isiniif dhiheessa.
    Hawaasni Dirree Dhawaa kan hafees raayaa ittisa biyya, Poolisii Federaalaa, Humna addaa Poolisii Dirree Dhawaa waliin qinda’uun Juntaan Yeroo dhufe beeysisuun naannoo keeysan damaqinaan eeguun dirqama yeroon gaafatu akka bahatan waamicha isiniif dhiheessa.
    dhiheeysa.
    Itoophiyaan ni injifati! “Imalli Badhaadhina Keenya Shira Juntaa fi ergamtoota isaatiin hin gufattu”