Bulchiinsa Dirree Dhawaatti leenjiin mata duree “ilaalcha siyaasaa haraya jijjirama guddina biyyaatiif jedhuun miseensoota paartii badhaadhinaa qaama hawaasaa araddoota badiyyaa fi magaalaa bulchiinsa Dirree dhawaa hundatti kennamuu eegalee jira.
Leenjiin kun Mata dureele 4 irratti barruu qophaa’e irratti miseensoota paartichaatiif hubannoo gahaa tahe uumu irratti kan fuulleeyfate yotahu miseensoonni dhaabichaa leenjii isaaniif qophaa’e kana irratti marii balla gaggeeysuudhaan hubanno akka horatan ni eeggama
Leenjiin kun araddoota baadiyyaa magaala hundatti kan gaggeeyfamaa jiru yaroo tahu guyyaa boru kan xumuramu taha.
Leenjiin walfakkaataan as bulchiinsa Dirre dhawaatti hojjattoota mootummaa kanneen miseensa paartichaa tahaniif guyyoota afuuriif kennamuun isaa ni yaadatama


