Magaalaa dirree dhawaa jireenyaf mijattuu fi hawwattuu taasisuuf bu’uuraaleen misoomaa garaa garaa hawaasni kallattiin irraa fayyadamaa ta’u baajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaan hojjetamaa kan jiru tahuun ni beekkama.
Piroojektootni daandii kan magaalaa fi baadiyyaa keeysatti hojjatamaa jiran qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif too’annoo fi hordoffiin taasifamaa turuusaa Itti aana hoji gaggeeysaan Abbaa Taaytaa daandiiwwani Injiner Yasin Ahmed himaniiru.
Bara kana piroojektootni haaraan Birrii Miiliyoona 5 ta’uun hojjetamaa jiraachuun kan eeran Injiner yaasiin yaroo ammaantanaa hojiin daandiiwabii kun gara xumuraa irra gahuu isaatii fi guyyoota muraasa keeysatti gara tajaajila kennuutti kan seenu tahuu addeeysani jiran.
Fedhii fi fayyadamummaa hawaasaa bu’uura godhachuun hojiin daandii kun kan gaggeeyfamaa jiru tahuu kan eeran hoggantichi piroojagtoota kana irraa dargaggowaan baayyeef carraan hojii uumamu ibsanii jiran.
Farhan Suleiman Gabaase


