“Biiyti quubii miti kan faraqa faraqaan gaggeessan!
Oromoon bu’aa argachuu dhiisii waan isaaf maluu hin arganne. Ani waanan Muummee Ministeeraa ta’eef gahee Oromoon argachuu qabu dhabuu hin qabu.
Abbaa dabaree ja’anii mataa nama gad qabachiisuudhaaf ololli bifa duulaatiin gaggeyfamaa jiru sirrii miti kun sirraahu qaba.
iddoo hundaahuu laala sakhatta’aa ramaddii ministeerummaa iraa jalqabee Ministeerri sabaan Oromoo tahan 6 kan amaaraas 6 .
Afayaa’i, pireezdaantii Mana murtii, Pirezdaantii Biyyaatti angoowwan gurguddaan kun eenyu harka jiran ? As keeysatti Mummee Ministeera tokkicha qofa kan sabaan Oromoo tahe kun isaan mala.
Dhaabbiile Misooma gad bu’aati laala ,hijjattoota siviil serviisi gad bu’aa laala waan dhugaa irraa fagaatee mata duree godhatanii hamilee namaa gad buusudhaaf kanneen sossohaa jiran eysayyuu gahuun dandayan inumaa qotee bulaan Oromoo bu’aa isaan malun arganne
Biyya kanatti Oromoon baay’inni isa 35% dha. Garuu dhaabbilee federaalaa keessatti hamma baay’ina isaa iddoo qabatee hin jiru.
Kun fuulduratti seerri bahee sirraahuu qaba.seeraan hojjachuu qabna muuxannoo biyyoota biroo laale manni maree kun seeraa baasuu qaba seerarra dhaabbanne hojjachu qabna namuu gitaa isaan maluun fayyadamaa tahuqaba .


