Hojiilee hojjetameef beekkamtii kennaa kan hafan milkeessuuf tattaaffachuun hojii ijoo ta’uu qaba jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaaffii miseensota mana maree bakka bu’ootaa ummaataarraa ka’eef wayita deebii laatan.
Jijjiirramaa as gama misooma daandiin hojiin hojjetame gaarii ta’uu kaasanii jiru.
Iddoolee ga’umsaa fi tajaajila Daandii qilleensaa dabaluuf hojii hojjetameen bu’aan gaariin argamuu ibsaniiru.
Tajaajila uwwisa Teeleekoomii babal’isuuratti hojiin jabaan hojjetamuu kaasanii jiru.
Kanaafuu bu’aan hin argamne jechuurra bu’aa kana caalu galmeessuuf hojjetamuu qaba jechuutu murteessadha jedhan.
Hojii hojjetameef beekkamtii kennaa kan hafan milkeessuuf tattaaffachuun hojii ijoo ta’uu ibsaniiru.
Warshaalee sukkuuraa rakkoo keessa turan dandamachiisuuf hojii riifoormii hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamuu himaniiru.
Tiraakteroota kuma 5 ol gara qonnaatti galchuun danda’amuu ibsanii jiru.
Carraan tiraakteraan lafa qotuu dabalaa dhufuu fi muuxannoon kilaasteeraan misoomsuu babal’achaa jiraachuu himaniiru.
Lafa misoomu keessaa % 45 kilaasteeraan misoomaa jiraachuu kaasanii jiru.


