Qaala’iinsa jireenyaaf sababoonni hedduun jiraatus rakkoolee kanneen furuuf tattaaffii cimaan taasiifamaa jiraachuu Mummuchi Ministeeraa Dr. Abiy Ahimad ibsaniiru.
Qaala’iinsi jireenyaa irra caalaatti lammiilee galii gadi aanaa qaban miidhaa jiraachuu kan ibsan MM hawaasni harka qalleeyyii nyaata guyyaa akka argatuuf magaalaa Finfinneetti hojiin ijaarsa warshaalee Daabboo babal’isuu hojjetame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaatti qaala’iinsi gatii % 33 dabaluu eeraniiru, qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf qarshii bil. 30 ol osoo walitti hin qabamin hafuu eeraniiru.
Magaalaa Finfinneetti hojiin gabaa Dilbataa babal’isuu qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu keessatti qooda olaanaa ba’aa jiraachuus himaniiru.
Hanqinni oomishaa, fedhiin guddachuun, sirni gabaafi itti fayyadamni baajataa qaala’iinsa gatiif ka’umsa olaanaa ta’uu isaas kaasaniiru.
Haadholiin 200 ol oomisha muduraafi kudaraa mooraa Waajjira Muummee Ministiraarraa torbee lama lamaan fayyadamaa jiraachuu kaasuun, hojiin qonna magaalaa babal’isuu eegalamee cimee itti fufuu qabas jedhaniiru Jachuudhaan Faanatu gabaase


