Festivaaliin aadaafi Aartii Afrikaa Bahaa mata duree “Aartii fi Aadaan walitti Hidhamiinsaa Naannawaaf’’ jedhuun Magaalaa Finfinneetti gaggeeffama jira.
Festivaalii guyyoota shaniif turu kanarratti meeshaalee aadaa garagaraa ,nyaata Aadaa,dhugaatii ,qorichootaa aadaa,aadaa Sirbaa fi aartii sabootaafi sablammoota Itiyoophiyaa dhiyaataniiru.
Sabaafi sablammoonni garagaraas aadaafi aartii naannawaa isaanii qabachuun, Festivaalii kanarratti hirmataaniiru.
Biyyoonni Afriikaa Bahaarra affeerramaniis aadaafi aartii biyyaasaanii qabachuun Festivaaliichaa irratti hirmaachaa jiru.
Festivaaliin kunis obbolummaafi walitti hidhaamiinsa Sabootaafi Sablammoota gidduu jiru cimsuu caalaatti, waltti hidhaamiinsa naannawaa Afrikaa ni cimsaa jedhameera.


