Bulchinsi Dirree Dhawaa gamaaggama raawwii hojii Bara baajataa 2014 kan kurmaana 4ffaa gaggeessaa jira.

    Gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2014 kan kurmaana 4ffaa Bulchinsa magaalaa , biiroowwan seektaroota bulchinsaa, araddoota magagaalaafi kilaastaroota baadiyyaa, dhihaachaa jirurrattis qeeqoowwaniifi yaanni ijaarsaa hirmaattotarraa itti kennamaa jira.
    Waltajjii gamaaggamaa kana kan hogganaa jiran Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaafi Hogganaa Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Harbii Buuh Dhaabbilee raawwii gad-aanaa qaban dhimmotafuulduraaf irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabanirratti kallattii kaa’aniiru.