Dhaabbanni “SOS CHILDREN’S VILLAGES” barattoota 360 oliif deeggarsa meeshaalee barnootaa tasise.

    Fulbaana 16,2015 Dhaabbanni tola-ooltummaa Gandoota Daa’immani SOS Damee Harar Biiroo Misooma maallaqaafi Diinagdee Bulchinsa Dirree dhawaa , Biiroo Barnoota Bulchinsa Dirree Dhawaaf Biiroo Dhimmoota Daa’immanifi Hawaasummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa waliin ta’uun baasii birrii kuma 500 oliin meeshaalee barnootaa bituun daa’imman daandiirraa 210fi daa’imman qaama miidhaamoo ta’an 150f deeggarsa taasise.
    Mata-duree “Daa’imni Tokkoleen Kophaa Guddachuu Hinqabu”fi Daa’imman Kamiyyuu Meeshaalee Barumsaa Dhabuudhaan Akka Manatti Hinhafne” jedhuun araddaalee 9n Magaalaa Dirree Dhawaatti daa’imman daandirra jiraataniifi qaama miidhaamoo ta’an deeggaruurratti xiyyeeffachuun kan hojjetaa jiru dhaabbanni “SOS CHILDREN’S VILLAGES” guyyaa kanatti dabtara 1600, qubeessaa 1032 ,qalamaa743 qartuu 516, haqxuu 258 boorsaa 180 baasii birrii kuma 500 oliin bituun bakka Hogganaa I/Aanaa Biiroo Barnootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abubakar Abdoosh, Hoggantuu I/A Biiroo Dhimmoota Dubartootaafi Hawaasummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Na’iimaa Abdurahmaanfi Bakka Buutuu Biiroo Misooma Maallaqaafi Dinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Simeenash Alemaayyehufi maatiiwwan barattootaa argamanitti deeggarsa taasiseera.
    Qideessaan dhaabbata “SOS CHILDREN’S VILLAGES” Damee Dirree Dhawaa Obbo Mikaa’el Sintaayyehu haasaa taasisaniin Dhaabbatichi piroojektoota lama kanneen Magaalaa Dirree Dhawaatti Waggaa 3-5 f daa’imman daandiirraa kasuufi daa’imman qaama miidhamtoota gargaaruurraatti bulchinsaa waliin ta’uun hojjechaa kan jiruufi keessattuu daa’imman barsiisuufi ga’oomsuurratti xiyyeeffachuun lammiilee kuma 3 ol ta’an fayyadamoo kan taasisisu ta’uufi deeggarsi kana fakkaatus kan itti fufu ta’uu dubbatan.
    Hogganaa I/A Biiroo Barnootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abubakar Abdoosh gama isaaniitiin haasaa yommuu taasisantti “Biyya keenya gara badhaadhinaatti geessuun kan danda’amu lammii barateefi beekumsaafi ogummaan utubame yoo oomishneefi walii-galtee biyyi keenya “Lammiin hundi barachuu qaba” jechu mallatteessite hojitti jijjiirre qofa; kanaafuu qaamota hojii tola-ooltummaa kana qindeessaniifi irratti hirmaatan hundumaa maqaa biiroo barnootaafi barattoota bulchinsaatiin galateeffadha” jedhan.
    Iliyaas Ammeetiin Suuraa: Abiyyi Shimallis