Bulchiinsatti piroojaktiilee kaappitaalaa bara 2018 hojjataman ilaalchisee kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa seektaroota mootummaa waliin sanada waliigaltee walii mallatteeysan.
Sirna sanada waalii mallatteeysuu kanarratti bara baajataa 2018’tii sadarkaa bulchiinsa Dirree Dhawaatti piroojaktiileen 147 kaappitaala qarshii biiliyeena 8tti dhihaatuun hojjatamuuf kan karoorfaman tahuun ibsameeti jira. Sagantaa walii mallatteeysuu kanarratti haasawa kan taasisan kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Juhaar, piroojaktiileen bara 2015 jalqabamanii bara baajataa kanattiis itti fufan jiraachuu ibsanii, akkuma waliigalaatti baajata piroojaktiilee kaappitaalaa…


