Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi naannawatti yeroo dhihoo asitti wal-dhabiiwan uumamaniif sababoottan ijoo jedhamanii eeraman keessaa inni tokko Dhaabilee Tajaajila Laatanitti Dhabamuun Bulchiinsa Gaarii jiraatota lolaaf kan kakaase taachaa kutaa Magaalaa bulchiinsaatti jiraatonni dhimma sababa wal-dhabbiiwanii irratti haasoofsine keessaa irra caalaan ibsan.
Jiratotni yaada nuuf ibsan keessattuu jedhan sababa wal-dhabbiiwan yeroo dhihoo asitti naannawa Bulchiinsaatti uumamaniif mootummaan gaafiiwan Dinagdee , Hawaasummaa fi Siyaasaa adda foo’uudhaan deebii itti laachuu irratti akkaan harkifannaan akka mul’atuu fi kuniis dhimma jiraatota lolaaf kakaaseera jechuun kan addeessanii kanaafiis Dhaabilee Tajaajila hawaasaaf Laatan Tajaajjilli kennan dhaqabaa , si’aawaa fi quubsaa gochuuf hojiiwan dandeesisan hojjachuu akka qabaniis ibsaniiru.
Koomiiwan hawaasaa kanneeniin wal-qabatee Bulchiinsatti Daayireektoreetiin dhaga’aa Koomiiwanii fi Iyyata Ummataa kan ta’an Adde Faaxum Musxafaa dhimma kanaan wal-qabatee yaada nuuf laataniin akka jedhanitti koomiiwan Umataa kan ragaa qabatamaan itti dhiyaatan keessaa Ogeeyotni Dhaabilee Tajaajila Laatanii baay’inaan yeroo hojiitti akka iddoo hojiitti hin argamne kan dhiyaatee fi kanaas hojii qulqulleessuuf taasisaniin Ogeeyotni Dhaabilee Tajaajila Laatan kanneen koomiin irratti dhiyaate kun haala hojii isaaniin yeroo hojiitti hojiif waajiraan ala kan turan taachaa akka qulqulleessuu danda’an eeranii hawaasniniis kana hubachuufii akka qabuu fi koomiiwan hawaasaa kanneen baay’inaan gara isaanii dhufaa jiran hojii Bulchiinsa Gaarii irratti xiyyeefatanii akka hin hojjanne kan isaan taasisaa jiru taachaas ibsaniiru.


