Hojjatootni Mootummaa Ayyaanni sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota 15ffaa marii paanaaliin kabajan

    Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti Hojjatootni Mootummaa kanneen Dhaabilee gara garaa irraa walitti babahan Guyyaa Ayyaanni sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 15ffaa Sadaasa 29 marii paanaalii ‘Riifoormii Cimaan Biyyaalessaa Ijaarsa Sirna Dimokraatawaa Federaalaa cimaaf ‘ dhaadannoo jedhuun kabajan
    Guyyaan Ayyaana sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 15ffaa Sadaasa 29 kan baranaa ‘Walqixxummaa fi Tokkummaan Sabdaneessi Badhaadhina Gamtaaf ‘ dhaadannoo jedhuun kabajamaa jiru kana Hojjatootni Mootummaa kanneen Dhaabilee gara garaa irraa walitti babahan barruuwan Biyya Teenya Itiyoophiyaatti Imala Cehuumsaa jalqabamee fi rakkoolee mudachaa jiran akkasumaas haala yeroo biyyaalessaa ilaalchisuun barruuwan qophaa’an irratti marii taasisuun kabajaniiru.