Egziibishinii fi Baazaariin Guyyaan Ayyaana sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota 15ffaa baname.

    Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti Guyyaan Ayyaana sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 15ffaa Sadaasa 29 kan baranaa baname kana haasawaan kan banan Afa yaa’ii Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Faxum Musxafaa akka jedhanitti Guyyaan Ayyaana sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 15ffaa Sadaasa 29 kan baranaa ‘Walqixxummaa fi Tokkummaan Sabdaneessi Badhaadhina Gamtaaf ‘ dhaadannoo jedhuun
    Kabajamaa jiru kun Guyyaa sabaa, Sablammootaa fi Ummattootaa akkasumaas Amantaa itti Seeraan walqixummaa isaanii itti kabajame guyyaa seena qabeessa biyyaa fi Ummata Biyya teenyaatii jedhan.
    Sirna kana irratti Hoogantoonni ol’aanoon Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kantiibaa Ahmad Buuhii fi Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar dabalatee Miseensonni Kaabinee wal-tajjii Egziibishinii fi Baazaariin Guyyaan Ayyaana sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota 15ffaa baname irratti argamaniiru.