Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa fi Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsaa Walta’iinsa walii mallatteessan

    Walta’iinsa Walii Galtee Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsaa fi Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa fi mallatteessan kanaan dhaabileen lamaan Sadarkaa Bulchiinsaa fi akka Biyyaalessaatti ergama kennameef sadarkaa fooyya’aan milkeessuuf dhaabileen Qabeenyaa fi humna qabanitti qindoominaan yoo gargaaraman milkii fooyyee galmeessuuf carraan uumuuf ol’aanaadha jechuun wal-tajjii kana irratti Hooganaan Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsaa Obbo Isqiyaas Taafasaa ibsan.
    Pirezidaantiin Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa Dr. Ubaah Adam gama isaaniin dhaabileen lachuu ergama kennameef sadarkaa fooyyee qabuun milkeessuuf deegarsaa fi tumsi waliif taasisan shoora ol’aanaa waan qabuuf Walta’iinsa Walii Galtee kana mallateessuun milkaa’inaaf daandii akka soquutii jechuudhaan ibsan.
    Walta’iinsa Walii Galtee kanaan Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Hojiiwan bu’aa Komunikeeshiniin Sab-qunnamtiin Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa deegaruu fi maqaa Yuunivasitichaa eegsisuu xiyyeefannoon akka hojjachuun deegaruu fi Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa gama isaan Biiroo Komunikeeshinii hojii leenjiwanii fi humna ijaaruun akka deegaru Walii Galtee kana irratti wal-deegaraa hojjachuuf kan dandeessisu Wal-ta’iinsa Gamtaa mallatteessaniiru.