Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Marsaa 2 ffaa deegarsaa fi daawannaa daa’imman sababoottan gara garaattiin maatii isaanii irraa adda bahanii jiddugala tursiisa daa’immanii kan Biiroon dhimma Dubartootaa fi Daa’immaniitti argaman yeroo daawaannaa fi deegarsa hojjatoonni Biiroo Dhimma Komunikeeshinii taasisan irratti Hooganaan Biirichaa Obbo Isqiyaas Taafasaa guddina daa’imman hegeree biyyaaf xiyyeefannaan kennuun barbaachisaa jedhan.
Hoogantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Adde Kariimaa Alii gama isaaniin deegarsa taasifameef galatoomfatanii hawaasnii fi dhaabileen marti hojii deegarsa kana irratti hirmaachuu akka qaban dhaamaniiru.


