Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Guyyaan Ayyaana Sabaa Sablamootaa 15 barana ”Wal-Qixummaa Sabdaneessaa Tokkummaa fi Badhaadhina Gamtaaf ” dhaadannoo jedhuun guyyaa Ayyaana Sadaassa 29 kan 15ffaa kabajamaa ture haala miidhagaa fi hawwataa ta’een wal tajjiin goolabiin arra geggeefameen kabajame.
Wal tajjii kana irratti haasawa kan taasisan Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsaa Kabajamtuu Adde Faxum Musxafaa akka jedhanitti ayyaanni baranaa kun yeroo Ol’aantummaa Seeraa irra balaa ABUT geesisuuf ka’e injifannetti kan kabajamu taachaa adda taasisaa jedhan.
Wal-tajjii goolabbii Guyyaa Ayyaana Sabaa Sablamootaa fi Ummatootaa kana irratti bakka buutonni Mootummaa Naannoo Hararii fi Mootummaa Naannoo Somaalee fi Godina Harargee irraa bakka bu’an hirmaataniiru.


