Lammiiwan kum 49 ol iif Tajaajila Wabii Fayyaa Hawaasaa haala itti argachuu danda’an mijeefamaa jiraachuun ibsame

    Naannolee Biyya teenyaa kanneen gara garaa keessatti Bara 2009 irraa jalqabee kan geggeefamaa jiru Sagantaan Tajaajila Wabii Fayyaa Hawaasaa jidu-gala taasifate hojii irra oolaa jiruun hanga ammaatti lammiiwan Miiliyoona 30 ta’an yeroo ammaa Tajaajila Wabii Fayyaa Hawaasaa argachaa jiraachuun ibsameera
    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Biiroon Eegumsa Fayyaa Raawii Sagantaa Tajaajila Wabii Fayyaa Hawaasaa jidu-gala godhate jalqabsiisuuf hojiiwan kurfii haal-duree xumuree miseensotaa Tajaajila Walaansaa jalqabuufi.
    Kurfii jalqabsiisa Sagantaa kana irratti hoogantoonni ol’aanoon Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Geggeesotni olaanoon Waajira Paartii Badhaadhinaa kan dame Dirree Dhawaa akkasumaas Geggeesotni Araddoottan Magaalaa fi Kilaastaroottan baadiyaa Bulchiinsaa Wal-tajjii qophaa’e irratti hirmaataniiru.
    Wal-tajjii kana irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Itti Aanaa Kantiibaa fi Hooganaa Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Sagantaan Tajaajila Wabii Fayyaa Hawaasaa jidu-gala taasifate biyya akka teenyaa tan Guddina irra jirtuuttiimitii Biyyoottan Guddatanittuu sagantaa hojii irra ooluu fi faayidaa ol’aanaas kan irraa argachaa jiraniidhaa jedhanii Sagantaa Tajaajila Wabii Fayyaa Hawaasaa jidu-gala godhate kan akka Biyya teenyaattiis ta’ee akka Bulchiinsa Dirree Dhawaa jalqabame kana itti-fufsiisuudhaan bu’aa ol’aanaa Sagantaan kun qabu hawaasa keenya gonfachiisuuf xiyyeefannoon akka hojjatamuus himan.
    Wal-tajjii kana irratti Hoogantuun Biiroon Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Lamlam Bazaabih barreefama qorannoo dhiheessuun mariin irratti taasifameera.
    See Translation