Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa bara bajataa 2013tti ji’oota 5 keessatti galii Birrii miiliyoona 581 ol sassaabuu fi Galii Gibira Mootummaa karoora qabate keessaa dhibbeentaa 96.39% milkeessuu ibsan.
Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Galiiwan Bulchiinsaa Obbo Abdulsalaam Mahamad akka addeesanitti ji’oota 5 bara bajataa 2013 tti Taaskii Mootummaa fi Galii Tajaajila mana Qopheessaa irraa Birrii 746,686,895.38 sassaabuuf karoorfamee Birrii 581,401,743.19 sassaabamuu fi kuniis karoora keessaa 77.86 kan yeroo wal fakkaataa bara 2012 yoo wal bira qabnu 7.68% ykn Birrii 41,450,318.19 caalmaa qabaachus Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa ibsaniiru.
Galiiwan kanneen akaakuun tokkoon tokkotti foonee yoo ilaallu Taaskiin Mootummaa Birrii 547,001,908.04 karoorfamee Birriin 519,895,678.06 sassaabamuu fi kuniis dhibbeentaan 95.04% ta’uu fi kan yeroo walfakkaataa bara 2012 yoo walbira qabnu 11.17 ykn 522,550,018.22 akka caalu ibsanii Tajaajila Mana Qopheessaa ji’a shanitti Birriin 199,686,895.38 karoorfamee Birriin 61,506,065.13 sassaabamuufi kuniis dhibbeentaan 0.13% milkaa’uu fi kan yeroo walfakkaataa bara 2012 irraa dhibbeentaa 14.94% ykn Birrii 10,804,700.03 kan xiqaateedha jedhan.
Milkaa’na Bu’aa ol’aanaa argameefiis Hojjatoota Abbaa Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa galatoomfataniiru.


