Koonfiransiin Qorannoowan Seeraa irratti xiyyeefate kan Biyyaalessaa Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti geggeefamuu jalqabe

    Ogeeyotaa fi Hayyoonni damee Seeraa Dhaabilee Barnoota Ol’aanoo ykn Yuunivarsitiiwan Biyya teenyaa kanneen gara garaatti Muummee Barnootaa Seeraa argaman Qaamoleen ga’ee Seeraa dhaabilee Dirree Dhawaattii fi Biyya teenya irraa walitti babahan Seeraa kan irratti hirmaattan kan Guyyoottan lamaaf turu Koonfiransiin Qo’annoo fi Qorannoo Seera irratti xiyyeefate kan Biyyaalessaa Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti geggeefamuu jalqabe.
    Koonfiransii kana irratti haasawa baniinsaa kan taasisan MFDRI tti Itti Aanaa Daayireektaraa Ol’aanaa Inistituutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa kan ta’an Obbo Mitikuu Mada akka jedhanitti koonfiransiin kun dhaqabdummaa Haqaa fi Mirgoota Namummaan wal-qabatee rakkoolee biyya teenyatti jiran qorannoowan foo’an kallattii furmaata rakkoolees kan kaa’an waan ta’aniif mariin bal’aan irratti geggeefamee erga gabbataniin booda hojii kan oolfamanii jedhan.
    Itti Aanaa Pirezidaantii fi Dhimmoottan Barnootaa Yuunivarsitii Dirree Dhawaa kan ta’an Dr.Magarsaa Qaasim gama isaaniin Qo’annoo fi Qorannoo Seera kun rakkoolee yeroo dhihoo as biyya teenyatti mul’atan hiikuu irratti shoora akka qaban dhaamanii hirmaatonni marti xiyyeeffannoon hordofanii akka gabbisaniis dhaaman.
    Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti Diiniin Koolejjii Seeraa Obbo Amantee Abara gama isaaniin Hirmaatota Koonfiransii kanaan baga naga’aan dhuftan jedhanii qaamoleen ga’ee Seeraa koonfiransii kanaa irratti hirmaattan kallattiiwan furmaataa kanneen fi qorannoowan kanneeniin dhaqabdummaa Haqaa fi Mirgoota Namummaa milkeessuuf taa’an fudhachuu akka hojiitti hiikan dhaaman.