Koonfiransii nageenyaa fi araaraa tan Araddaa 01 ykn Malkaa jabduutti geggeefame irratti hoogantoonni ol’aanoon bulchiinsaa fi Dhaabaa, Abbootiin Gadaatii fi Ugaazotni, manguddoinni biyyaa fi abbootiin amantaa akkasumaas jiraatonni araddichaa kan irratti hirmaatan geggeefame.
Hawaasni Araddaa Malkaa jabduu Nageenyaa fi tasgabii naannawa isaa eeguun misoomaaf akka tumsu waamichi darbe.


