Sochiin Dargagoota Sababatti Amanan horachuu geggeefamuufi.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Liigiin Dargaggootaa kan Paartii Badhaadhinaa wal tajjii marii ” Dargaggoota Sababaan Amanan haa horannuu ” dhaadannoo jedhuun geggeefame haasawaan kan banan Itti Aanaan Kantiibaa fi Hooganaa Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar akka ibsanitti dargaggoonni Odeefannoo maddi hin beekamne dogogorsiisoo jedhamee dhaga’an faana osanii fiiguu irraa of qusachuun yaadaa fi Sababa ifaa ta’e qabatamaa filachuu fi miiraan deemuu irra gara mariitti ilaalcha galuu horachuu akka qaban dhaaman.
Liigii Dargaggootaa kan Paartii Badhaadhinaatti itti gaafatamaan damee Gurmaa’iinsaa kan ta’an Dargaggoo Anuwaar Kadiir gama isaaniin sochiin kun akka biyaalessaatti dargaggoota abdii hegeree boruu horachuuf qaama sochii geggeefamaa jiruu taachaa dargaggoota ilaalcha sababaatti amanan horachuuf kan kaayefatee kan qophaa’ee jedhan.


