Naga’ee Sobaa Argannaa Birrii Miiliyoona 15 Oodiitiin mirkanneesse.

    Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Naga’ee Sobaa kan Birrii miiliyoona Oodiitiin mirkanaa’e irratti Duursitoota garee fi Ogeeyota ol’aanoo ga’ee hojii kennameef itti gaafatamummaa fi amanamtumaan ba’atan hojii Seera kabajchiisuu kana itti gaafatamummaa fi amanamtummaan to’achuun saaxilaaniif beekamtii fi badhaasa hamilee jajjabeessuu laateera Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsaa laate.
    Kurfii beekamtii fi badhaasa hamilee jajjabeessuu qophaa’e irratti Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Galiiwanii Obbo Abdulsalam Mahamad akka jedhanitti hojii Seera kabajchiisuu galii Sirnaan sassaabuun ergama ijoo Abbaa Taayitichaa taachaas addeessan.
    Qaamni Naga’ee fakkeessuun qopheesse, kan raabse, kan itti gargaaramuu gibira xiqeessuuf ykn naa haa deebi’uuf qaamni itti gargaarame adabbii Birrii kum dhibbaa (100,000) fi hidhaa ( waggaa torbaa hanga waggaa kudhanii ) akka Seerri adabsiisu taachaas kafaltoonni Gibiraa hubachuu qabuu jedhan
    Daayireektarri ol’aanaa itti dabaluuniis yeroo ammaa Abbaan Taayitichaa hojii Seera kabajchiisuu kana xiyyeefannaan hojjachaa jiraachuu eeruun hojii gibira sirnaan Sassaabuuf itti gaafatamummaan Oodiitara ol’aanaa ta’uus ibsan.
    Daayireektoreetii Daayireektara Oodiitii Obbo Girmaa Zalaqaa gama isaaniin akka ibsanitti hojiin Oodiitii hojii xaxamaa fi of eegannoo cimaa gaafatuu taachaa eeranii milkaa’ina kanaaf qaamolee shoora gumaachan galatoomfataniiru.