Ayyaannii Cuuphaa Rakkoo Nageenyaa Tokkon Malee Akka Kabajamu Tasiisuuf Haal-Dure Xumuruun Gara Hojii Galu Poolisiin Ibse Jira.
Ayyaannii Cuuphaa Baraana Nagaan Akka Kabajamuf, Guyyoota Dura Poolisiin Qophii Tasiisaa Kan Turee Yoo Tahuu, Kanumaan Abboottii Amaanta Garaagaraa, Dargaaggota Fi Kutaalee Hawaasaa Akkasumaa Jarmayalee Garaagaraa Waliin Mariin Bal’aan Tasiifamaa Kan Ture Yoo Tahuu, Ayyaanichii Qabiiyyee Amaantii Osoo Hin Lakkisiin Akka Kabajamuf Walii Galtee Irraa Gahamuu Koomishinii Poolisii Dirre Dhawattii Hogganaa Roga Ittisa Yakkaa Kan Tahaan itti Aanan Komishinaraa Guuleed Dirriyee Ibsanii Jiran.
Ayyaannii Cuuphaa Magaalaa Dirre Dhawattii Sirna Amaantiin Akka Kabajamu Godhuf Hordoftoota Amaantii Fi Jirattoota Bulchinsa Hojii Cimaa Raawwachu Akka Qaban Kan Ibsan Ittii Aana Koomishinaraa Guuleed, Kanaan Alaa Sosochiin Tasiifamuu Akkata Amaanticha Fi Seeraanis, Seeraan Alaa Waan Taheef, Hawaasnii Bulchinsa Gochaa Seeraan Alaa Irraa Of-Qussachun Qaamolee Nageenyaa waliin Qindoominaan Hojjachu Akka Qaban Dubbatanii Jiran.
Ayyaanicha Dahoo Tasiifachun Sirna Amaanticha Jequun Hin Daanda’amuu Kan Jedhan Ittii Aana Koomishinaraa Guuleed, #Tiishaartii_Qabiiyyee_Siyaasa Qaban Uffaachu, #Alaabaa_Federaalaan Ala Kan Bira Fayyadamuu, #Iddoo_Garaagaraattii Haalluu Garaagaraa Dibu, Akkasuma Riichitii Dhukasuun, Gochota Dhorkamaan Yoo Tahuu, Kana Darbee Nama Argamee Irraattii Tarkanfiin Seeraa Cimaan Akka Fudhatamuu Ittii Aana Koomishinaraa Guuleed Dirriyee Ibsanii Jiran.
Waggootan Darbaan Ayyaanicha Hordofun Gochiin Seeraan Ala Raawwataman Hawaasaa Bulchinsaa Kan Mufachisee Fi Sadarkaa Biyyaattiis Maqaa Dirre Dhawa Kan Balleesse Tahuu Kan Yaadachisan Ittii Aana Koomishinaraa Guuleed, Gochii Kun Baraana Akka Hin Deebine Beeksisanii Jiran.
Ayyaana Cuuphaa Baraana Kabajuuf, Yeroo Gara Iddoo Dhuftan Yeroo Irraa Gara Yeroottii Dabalaa Kan Dhufe Dhukkubaa Koroonaa Irraa Of Eeguuf, Haguuggii Afaanii Fi Funyaanii Godhachun Dirqamaa Yoo Tahuu, Sakkata’iinsaa Poolisiin Tasiisuu Irraattii Deeggarsaa Tasiisuu Nurraa Jirataa Jechun Dubbatanii Jiran.
Ajajaa Poolisii Irraa Laatamu Kabaju Qabna Kan Jedhan Ittii Aana Koomishinaraa Guuleed, Kanaan Alaa Gochii Seeraa Alaa Raawwatamu Tokkoleen Hin Hayyamammuu Akkasuma Hin Daanda’amuu Jedhanii Jiru.
Xumura Irraattii Hordoftoota Amaantichan Ayyaannii Cuuphaa Kan Nagaa, Kan Gammachuu Isiniif Haa Tahuu Jechun Hawwii Gaarii Isaanii Dabarsanii Jiran Ittii Aanan Komishinaraa Guuleed Dirriyen.
Gabaasni Kan Fuula Hawaasummaa Dire Police Afaan Oromoo


