Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ji’a (Baatii) Amajjiitti Birrii miiliyoona 155 ol 127.42% Sassaabuu beeksise.

    Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ji’a Amajjii bara bajataa 2013 tti Birrii miiliyoona 155 ol Sassaabuun Raawii 127.42% galmeessuu Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Galiiwan Bulchiinsaa Obbo Abdulsalaam Mahamad Raawii Hojii kan ji’a (Baatii) Amajjii bara 3013 ilaalchisuun ibsa laataniin beeksisaniirukka beeksise.
    Obbo Abdulsalaam Mahamad akka addeesanitti ji’oota 5 bara bajataa 2013 tti Taaskii Mootummaa fi Galii Mana-Qopheessaa irraa Birrii 121,846,693.38 Sassaabuuf karoorfatee Birrii 155,251,638.82 Sassaabuu beeksiseera.
    Raawii Hojii kan ji’a (Baatii) Amajjii kan bara 3013 Kanaaniis Karoora qabame dhibbeentaa 127.42 milkeessuu kuniis kan yeroo wal-fakkaataa bara 2012 yoo wal bira yoo qabnu dhibbeentaa 27.42 % ykn maalaqaan Birrii 33,404,945.07 caalmaa qabaachuus addeessanii ji’a (Baatii) Amajjii kan bara 2013 Taaskii Mootummaa irraa Birrii 100,108,182.69 Sassaabuuf karoorfatee Birrii 142,304,582.82 Sassaabuuf danda’uu fi kuniis karoora Birrii 42,196,400.13 caalmaa qabaachuu fi kan yeroo wal-fakkaataa bara 2012 yoo wal bira yoo qabnu dhibbeentaa 37.64% caalmaa qabaachuus addeessaniiru.
    Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Obbo Abdulsalam itti dabaluuniis ji’oota 7 bara bajataa 2013 tti raawiin hojii walii galaa Taaskii Mootummaa fi Galii Mana-Qopheessaa irraa Birrii 998,759,105.72 sassaabuuf karoorfatee Birrii 833,673,000.77 sassaabuu fi kuniis karoora keessaa 83.47 % qabaachuus eeranii kan yeroo wal-fakkaataa bara 2012 yoo wal bira yoo qabnu dhibbeentaa 13.52 % caalmaa qabaachuufi kuniis maalaqaan Birrii 99,290,103.16 caalmaa qabaachuus addeessanii
    Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Obbo Abdulsalam dhuma irrattiis mikaa’ina Raawii Hojii ol’aanaa kanaaf qaamolee shoira gumaachan Geggeesota, hojjatootaa fi Kafaltoota Gibiraa amanamoos galatoomfataniiru.