Miseensota Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaatiif leenjii hubannoo gabisuu kan Tarsiimoo Sirna Soorata (Nyaataa) Biyyaallessaa , Guyyoottan Kuma daa’imanii kan jalqabaa fi Fayyaalessummaa Haawanii dhimmoottan jedhuun qophaa’e irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Kabajamtuu Adde Faaxum Musxafaa Miseensotni mana marii hubannoo har’a argatan kana hawaasa bakka buutanii fi kan waliin jiraataniif kennuun miidhaa gama kanaan ga’u ittisuuf akka tumsuu qabu jedhanii qaamoleen ga’ee marti Sirni Soorataa hin madaala’iniin miidhaawan hawaasummaa ga’an ittisuuf hunduu shoora gama isaanii akka bahatan waamicha dhiheessan.
Hoogantuun Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Lamlam Bazaabih gama isaaniin Sirni Soorataa hin madaala’iniin miidhaawan hawaasummaa ga’an keessaa tokkoo fi inni ijoon miidhaa qancaruu daa’imanii taachaa fi kuniis rakkoolee gara garaa kan hordofsiisu taachaas addeessaniiru.
Tarsiimoo Sirna Soorata (Nyaataa) Biyyaallessaa , Guyyoottan Kuma daa’imanii kan jalqabaa fi Fayyaalessummaa Haawanii dhimmoottan jedhan irratti barruun dhiyaatee hubannoon kennameera.


