Marii paanaalii Sochii Hirmaannaa fi irraa fayyadamtummaa Dubartoota guddisuuf kaayyeefate geggeefamaati jira.

    Bulchiinsa Dirree Dhawaa Dubartoonni jaarmayoota gara garaa fi qaamolee hawaasaa irraa walitti babahan kan irratti hirmaattan Marii paanaalii Sochii Hirmaannaa fi irraa fayyadamtummaa Dubartoota guddisuuf kaayyeefate geggeefamaati jira.
    Marii paanaalii kana irratti argamuudhaan haasawa baniinsaa kan taasisan itti Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala, Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti yeroo darbe biyya teenyatti Saalaan wal-qabatee ilaalchi dogogoraa ture dubartoota qofa osoo hin ta’in biyya teenyaas kan miidhaa irraan ga’eedha jedhanii .
    Adeemsa Ijaarsa Biyya sab-daneessummaadhaan Badhaate ijaaruuf jalqabne keessatti shoora Dubartootaa guddisuudhaan Dubartoota dhiibbaa Uumuu fi Badhaadhina milkeessuu danda’an horachuudhaaf Jaarmayaalee Dubartoota horachuuf Dubartoonni Geggeesota ol’aanoo bulchiinsaa , Jaarmayoonnii Dubartootaa kanneen gara garaa shoora gama keessanii akka bahatan jechuun dhaaman.
    Marii kana irratti barruun Hirmaannaa fi irraa fayyadamtummaa Dubartootaa Badhaadhina Idileef jedhu dhiyaatee mariin irratti taasifameera.