Biroon Qonna, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Hojii Qindaawaa Misooma Sululaa marsaa 8ffaa hojjatamuuf jedhu ilaalchisuudhaan Geggeesota Deegartootaa Kilaastaroota fi Araddoottan leenjii hubannoo kan hojii Hojiin Misooma Sululaa Marsaa 8ffaa ilaalchisuudhaan qophaa’e irratti Qaamoleen ga’een Qindoominaan Hojiin Misooma Sululaa Marsaa 8ffaa akka hojjachuu qaban ibsan.
Wal-tajjii marii hubannoo kana irratti argamuudhaan haasawa kan taasisan itti Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala, Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti hojiiwan misooma Sululaa kanaan dura hojjataman sadarkaa irra jiran gamagamuun cinatti Guyyaa Boruu Guraandhala 13-bara 2013 tti kan jalqabamu duula hojii misooma Sululaa marsaa 8ffaa Qaamoleen ga’een marti Qindoominaan Hojjachuu qabuu jedhan.
Hojii Qindaawaa Misooma Sululaa marsaa 8ffaa Guyyaa Boruu Kilaastaroota Bulchiinsa Dirree Dhawaa maratti akka jalqabamu Biroon Qonna, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsaa beeksiseera.


