Hoogantuun Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Mulukaa Mahamad guyyaa arraa Qormaata Biyyaalessaa kan Kutaa 12ffaa ilaalchisuudhaan ibsa gaazexeesitootaaf laataniin Guraandhala 29 irraa hanga Bitoottessa 2 tti akka kennama ibsan.
Qormaata Biyyaalessaa kan Kutaa 12ffaa bara barnootaa 2012 sababa Koranaan mudateen osoo hin laatamin ture kennuuf kurfiin taasifamaa turuu eeran.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Baratoonni kutaa 12ffaa kan 1560 ta’an Manneen Barnootaa kan Baadiyaa fi Magaalaatti argaman kanneen gara garaatti qoruuf turban darbaan darban keessa barattooni akka kurfa’aan dhaamuufiis addeessaniiru.


