Manneen Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa kanneen gara garaa keessatti Guraandhala 29 Ganama irraa eegalee Qormaatni Biyyaalessaa kan Kutaa 12ffaa kennamaa ture guyyaa arraa Bitootessa 2-2013 tti milkaa’inaan xumuramuu kan ibsan Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Hoogantuun Biiroo Barnootaa Adde Muluukaa Mahamad qaamolee milkaa’ina Qormaataaf ga’ee gumaachan mara galateefataniiru.
Qormaatni Biyyaalessaa bara barnootaa 2012 kan Kutaa 12ffaa sababa Koranaan akka Idil-Adunyaattii fi biyya teenya Itiyoophiyaatti mudateen osoo hin kennamin kan ture yoo ta’u guyyaa arraa irraa jalqabamee kennamaati jira.


