Carraan Manneen Jiddugala Oomishaa fi Gurgurtaa 39 har’a ifatti geggeefame.

    Itti Aanaa Bulchiinsa Dirree Dhawaattii fi walitti Qabaan Kilaastara Misooma Koorporeeshinii Indastirii Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti isin warreen arra carraan ba’eef manneen kan sirnaan itti fayadamuun yeroo Qajeelfama ittiin bulmaataa ta’eetti qophaa’uun ce’uu qabduu jedhan.
    Itti Aanaan Hooganaa Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Abdii Muktaar gama isaaniin akka ibsanitti rakkoo iddoo Oomishaa fi Gurgurtaa hiikuuf baasii Birrii miiliyoona 20 oliin jiddugaloonni 6 ijaaramaa jiraachuu eeranii kanneen keessaa tkko kan ta’e jiddugali Gabaa Araddaa 08 Laga harree kan ijaarsi isaa xumuramee dabarsinee feenee kana hojii jalqabsiisuuf Intarpiraayizota carraan baasifamaa jiraachuu eeranii yeroo dhihoottiis Giddugaloonni carraaf banaman jiraachuus addeessan.
    Obbo Kadiir Juhaar dhuma irrattiis manneen kana nama biraaf dabarsanii kireeysuu dhorkaa taachaa dhaamanii qaama kana godhe irratti bu’ura Qajeelfama ittiin bulmaataattiin tarkaanfiin akka irratti fudhatamu himan.