Dirree Dhawaatti Dorgomiin Kalaqa Teknooloojii Geggeefamuu jalqabe.

    Qopheessummaa Ejansii Leenjii Barnoota Ogummaa fi Daayireektoreeti Saayinsii Teknolojii fi Innoveeshinii waliin ta’uun Dorgomiin Kalaqa Teknooloojii Dirree Dhawaatti Geggeefamuu jalqabeera.
    Dorgomiin Kalaqa Teknooloojii kana irratti Intarpiraayzonni Intarpiraayzonni Koolejii Poolii Teknika Leenjii Barnoota Ogummaa Dirree Dhawaattii fi Koolejii Leenjii Barnoota Ogummaa Itiyoo-Itaaliitti Leenjifamtootaa ta’anii fi Leenjiftoonni akkasumaas Baratootni manneen barnoota Sadarkaa 2ffaa Dirree Dhawaatti hojiiwan Kalaqa Teknooloojii qaban kan irratti hirmaatan yoo ta’u Dorgomiin kun Bitoottessa 1 hanga 3 Guyyoota sadiif Geggeefamaa kan turu jedhan.
    Dorgomiin Kalaqa Teknooloojii kan ilaalchisuun Ejansii Leenjii Barnoota Ogumaatti Ogeessa Teknooloojii kan ta’an Obbo Kinfa Terefa kaayyoon dorgomii kun qophaa’eef namoota dandeetii qaban horachuu fi guddina biyyaa saffisiisuu keessatti shoora irraa eegamu gumaachuufii jedhan.
    Dorgomii kana irratti hirmaachaa kan jiran keessaa Dargaggoo Efreem Hayilamaariyaam fi fi Abdulfataah Abdulrahmaan gama isaaniin dorgomiin akkanaa qophaa’uun dandeetii isaanii baasuu fi guddisuuf kan bu’aa ol’aanaa qabaa jedhan.