Dhawaatiif kennamaa ture xumurame
Hojjatoota sivil sarvaantii Bulchiinsa Dirree Dhawaatiif leenjiin hubannoo kan Karoora tarsiimawaa waggoottan 10 irratti Magaalaa Hararitti Guyyoottan lamaaf kennamaa ture xumurame.
Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh Haasawa baniinsaa taasisaniin akka ibsanitti Kaayyoofi barbaachisummaan leenjichaas sivil sarvaantiin jijjirama akka biyyaatti jalqabame milkeesuuf danda’u uumuufii jedhan.
Itti-gaafatamaa Waajira Komishinii Siviil Sarviisii Federaalaa Obbo Tasfaaye Balaachaw gama isaaniin sivil sarvaantiin Dandeettii Ga’uumsaa ga’aa qabu , miira tajaajiltummaatiin hawaasa tajaajila qulqulluu, saffisaafi haqa qabeessa ta’e kennuu qabu akka bahuu danda’u taasisuuf kan kaayyefate leenjiin hubannoo Karoora tarsiimawaa waggoottan 10 irratti hubannoon kenname
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Hooganaan Biiroo Paabiliki Sarvisii fi Misooma Humna Namaa Obbo Abubakar Abdoosh Leenjicharratti, sivil sarvaantiin ka’umsa riifoormiifi tarsiimoo jijjiramaa sirriitti hubachuu Tajaajila iftoomina qabuufi si’ataa ta’e uummataaf kennuu akka danda’u ga’oomsuu fi gahee guddinaafi ijaarsa biyyaa keessatti gumaachuu qabu akka gumaachu dandeesisuuf yaadamee leenjii qaphaa’ee jedhan.
Tajaajila Walabaa, iftoomina qabuufi si’ataa ta’ee kennuu akka danda’uuf damee Misooma humna Namaa fi sirna mirkaneessa Ga’uumsaa
* Siviil Sarvaantii Bilisa,Walabaa fi Ga’uumsa qabu ijaaruu
* Sirna Bulchiinsaa fi Misooma Humna Namaa
* Ijaarsa Duudhaa fi Amalagaarummaa
* Ijaarsa Sirna Tajaajila Mootummaa Bu’a qabeessaa.
Dhimoottan ijoo jedhan irratti leenjiin Guyyoottan lamaaf kennamaa ture xumurame.


