Hoogantuun Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Lamlam Bazaabih ganama arraa ibsa haala Qabatamaa yeroo kan dhibee Vaayirasii Koronaa irratti Gaazexeesitootaaf laataniin akka ibsanitti Bulchiinsatti Tamsa’inni Vaayirasii Koronaa sadarkaa Olaanaa irra ga’uu isaan. Namoota Vaayirasii Koronaan qabamaniif Tajaajila laachuuf rakkachaa jirraa jedhan.
Dhibeen Vaayirasii Koronaa 19 gara Biyya teenyaa erga seeneen as Akka Biyyaattiis ta’ee akka Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhibee Vaayirasii Koronaa Ittisuuf , To’achuu fi akkasumaas miidhaa geesisuu malu irrisuuf Tattaafiiwan gara garaa Biyyaattii fi Bulchiinsaatti taasifamaa jiraatuus yeroo gara yerootti Tamsa’inni Vaayirasii Koronaa sadarkaa Olaanaan dabalaa jiraachuus adeessan.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Tamsa’inni Vaayirasii Koronaa sadarkaa Olaanaan dabaluu irraa kan ka’e Yeroo ammaa iddoon Tajaajila Walaansa haala yaddessaa itti laatamu Guutamuus Adde Lamlam Bazaabih ibsanii Qaamoleen Seeraas Qajeelfama Ittisa Tamsa’ina Vaayirasii Koronaa kan hagooggii afaanii fi funyaanii osoo hin godhanne socho’uun dhorkaa hojiirra oolchaa , lubbuu qaalii Koronaan gaaga’aa jiru baraaruuf hundi keenya ofiin Maatiin, Gandaa fi Ollaan akkasumaas hawaasni keenya marti Itti-gaafatamummaa keenya haa bahannuu jechuun dhaamaniirru.


