Dirree Dhawaatti Tamsa’ina Dhibee busaa dabalaa jiraachuun ibsame. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Tamsa’ina Dhibee busaa ittisuuf Agoobarri kum 287 fi dhibba 732 jiraatota Araddoottan Magaalaa fi Baadiyaaf raabsuuf qophaa’uu Itti-Aanaa Hooganaa Biiroo Fayyaa Obbo Yusuf Sa’id ibsa dhibee busaa irratti gaazexeesitootaaf laataniin ibsan.