Tajaajila Hospitaalli Dil-Corraa laatu Sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf irratti kan xiyyeefate mariin geggeefame.

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Deetaan Ministeera Fayyaa Dr. Darjee Dhugumaa , Bakka Bu’aa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Obbo Sulxaan Aliyyii , Hoogantuun Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Adde Lamlam Bazaabih akka sumaas Hoogantoonni ol’aanoon Qaamolee ga’ee Fayyaa kan Federaalaatii fi Bulchiinsaa kan irratti hirmaatan Tajaajila Hospitaalli Dil-Corraa laatu Sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf irratti kan xiyyeefate mariin geggeefame.
    Wal-tajjii kana haasawaan kan banan Bakka Bu’aa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Obbo Sulxaan Aliyyii akka jedhanitti Hospitaalli Dil-Corraa dhaabata Fayyaa kan hawaasa kutaa Baha biyya teenyaa maraaf tajaajila kennu waan ta’eef Sagantaa ‘I CARE’ Hospitaala Walaanamtootaa fi Ogeeyyii Fayyaaf mijaawaa taasisuudhaan dhaabilee fayyaa dhaabilee fayyaa sadarkaa Biyyaalessaatti filaman 24 keessaa tokko Hospitaalli Dil-Corraa filannoo sirrii qofa osoo hin ta’in filannoo Hawaasa baay’ee ta’an kan kutaa Baha Biyya teenyaa fi biyyoottan ollaafiis Tajaajila Fayyaa fooya’aa laachuuf kan dandeesisu jedhanii bulchiinsi deegarsa barbaachisaa kan taasisu taachaa eeruudhaan Qaamoleen ga’ee marti milkaa’ina sagantichaaf tumsa barbaachisa akka taasiftan jechuun waamicha dhiheessaniiru.
    Wal-tajjii kana irratti Qorannoon rakkoolee Hospitaala Dil-Corraa irratti mul’atanii fi karoora rakkoleen kanneen ittiin furuun danda’amu irratti xiyyeefate dhiyaatee mariin irratti geggeefameera.