Buufatni Tajaajila Taaksii Saabiyaan Sa’idoo gara Qeeyraatti jijjiiramuun ibsame.

    Konkolaachiftoonni Taaksii Bitootessa 17 irraa jalqabee Iddoowan gara garaa irraa imala gara Saabiyaan taasisan Maadiyaa Saabiyaaniin goranii daandiiwan Ganda keessaa qopha’aniin deemuu akka qabaniis ibsameera.
    Yeroo ammaa daandiiwan Magaalattii sochii geejiba Konkolataa humna isaaniin ol ta’e keessumeessaa jiraachuu irraa kan ka’e Sirnaan akka tajaajilaniif yaadamee
    Filmaata Daandiiwan geejiba Konkolataa dabalataa hojii irra oolchuuf hojjachaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Geejibaatti waajjirri damee Dirree Dhawaa beeksiseera.
    waajjira dameetti Daayireektoreetiin Daayireektara Mirkaneessa Nageenya Tiraafika Daandii Itti-Aanaan Koomandara Gulumaa Taayyee akka ibsanitti waajjirri damee Koomishinii Poolisii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti DaayireektoreetiiTo’annoo Tiraafika Daandii , Waajira Hoji-geggeessaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa waliin qindaa’uudhaan Bitootessa 17 irraa jalqabee Konkolaatota Tajaajila Geejiba Taaksii laattan maraaf Iddoowan gara garaa irraa imala gara Saabiyaan taasisan Maadiyaa Saabiyaaniin goranii daandii Dhagaa Qoraan afame (Koobilistooniin ) kan Dirree Kubbaa Saabiyaan jalaatiin Bulchiinsa Araddaa 02 fi Giroosarii Biheeraawii jidduun Gulliitiidhaan Dhuma Geessumaa fi Ka’uumsa isaanii Qeeyraa gochuun Iddoon fe’uumsaa fi Bu’iinsaas achuma akka ta’u murtaa’eera.
    waan kana ta’eef Konkolaachisaan Taaksii kamiyyuu akka kanaan duraatti Naannawa Sa’idootti dhaabachuun dhorkamaa taachaas dubbataniiru.
    Yeroo Qeeyraa irraa gara magaalaa deebi’an Daandii guddaa irraan ta’aa jedhan. Kanaas yeroo jedhamu akkuma kanaan dura iddoowan Feermaataa turanitti Seeraa fi mallatoo eegachuun Fe’achuun akka danda’amuus ibsanii Daandii keessaattiin Imalaan iddoo dhiyaatuufitti bu’uus akka danda’u addeessaniiru.