Poolisiin magaalaa Dirree Dhawaa uffataa seeraa jijjiire.

    Poolisiin Magaalaa Dirree Dhawaa uffataa seeraa haaraa miseensiita poolisii haaraa har’a eebbisiiseera. Uffannaan seerichaa yeroo amma kana ejjennoo dhaabbatichaa bifa ibsuu fi asxaa dhaabbiticha kan irra jirudha jedhameera.
    Guyyaa arraa Adooleessa 29, 2013 kurfii Eebba uffataa seeraa haaraa kan Poolisii Magaalaa Dirree Dhawaa irratti Itti-Aanaan Bulchiinsa Dirre Dawaa Obbo Ahmad Buuh fi Itti-Aanaa Bulchiinsaa fi Hooganaan Biiroo Daldala, Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar dabalatee Hoogantoonni Ol’aanoon Bulchiinsaa Sagantaa Eebba uffataa seeraa haaraa irratti argamaniiru.Maddi Fuula Hawaasumaa Poolisii Magaalaa Dirree Dhawaati.