Afa yaa’iin mana marii bulchiinsa dirree dhawaa Mooraa Warshaa Simintoo Naashinaalitti Biqiltuu dhaaban.

    Bulchiinsa dirree dhawaatti duulli sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa harraa iddoolee garaagaraatti gaggeeyfamaa jiruun Afa yaa’iin mana marii bulchiinsa dirree dhawaa Mooraa Warshaa Simintoo Naashinaalitti Biqiltuu dhaaban.
    Sagantaa dhaabbii iddoo naashinaal simiintitti Afa yaa’iin mana marii bulchiinsa dirree dhawaa kabajamtuun adde Faxxum Musxafaa argamanii jiran.
    Duula kanaan iddoo mooraa naashinaal simiintootti hojjatootaa fi gaggeeysitoonni biroon misooma qoonnaa wajjirri dubartootaa fi daa’immanii wajjirri hojjataa fi hawaasummaa
    bulchiinsa dirree dhawaa hojjattoonni motummaa fi dargagoonni bulchiinsaa hojjatootaa fi miseensoonnii fi hojjattoonni mana marii bulchiinsaa akkasumaas hoggantoonni fi hojjattoonni eejeensi sabqunnamtii bulchiinsa dirree dhawa argamanii dhabbii biqiltuu tasisan.