Bulchiinsa Dirree Dhawaatti ‘Dirree Magariisa Uwwisuudhaan Biyyaafiis fakkii ni taana !’ dhaadannoo jedhuun Biqiltuu kum 500,000 Guyyaa tokkotti dhaabuuf geggeefamaa jiruun Hirmaannaa Jiraatota Araddoottan Kilaastara Assalissootti argamaniin sadarkaa Kilaastarichaatti Biqiltuu kum 53 dhaabamaati jira.
Sadarkaa Kilaastara Assalissootti Duula hojii biqiltuu dhaabuu kan jalqabsiisan Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Bulchiinsaa Obbo Sulxaan Aliyyii sirna kana irratti haasawa taasisaniin Hawaasni marti hojii roga kunuunsa qabenya uumamaa Hojjechuun Asharaa magariisaa cimsanii itti fufsiisu akka qaban dhaaman.
Kilaastara Assalissootti Biqiltuun dhaabamaa jiru kuniiss Akaakuudhaan Biqiltuun kumni 29500 Mukkeen Bosonaa fi Gaaddisaa akkasumaas Biqiltuun kumni 23500 Gosa Kudraa fi Mudraawaniiti. Gabaasni kan EIDti


