Birmadummaa biyyaaf dhaabbachuun gootummaa gootummaa caalu jedhan.

    Hojjattoonni Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa dhimma haala yeroo irratti marii geggeessan irratti yaada kaasaniin
    Birmadummaa biyyaaf dhaabbachuun gootummaa gootummaa caalu jedhanii Ityoophiyaa baraaruuf tumsa nurraa eegamu hunda ni goona jedhaniiru.
    Hojjattootaa fi Hoogantoonni Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Dhimma haala yeroo biyyaalessaa fi Waamicha MM Itoophiyaa lammileen Itoophiyaa haleellaa garee shororkeessaa TPLF irraa biyya isaanii akka eegan ittiin waamicha dhiyeessan ilaalchisuun marii erga geggeessaniin booda mindaa isaanii irraa Raayyaa Ittisa Biyyaatiif kan oolu dergarsa kennuuf murteessaniiru.
    Marii dhimma haala yeroo biyyaalessaa kana irratti Birmadummaa biyyaaf dhaabbachuu caalaa gootummaa taachaa kan eeran Hoogantootaa fi Hojjattootaa Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa roga maraan Weerara Ityoophiyaa irratti aggaamame qolachuuf adda durummaan ni dhaabbannaa jedhan.