Duula Ol’aantummaa Seeraa kabajchiisuu irratti Miseensota Raayyaa Ittisaa Biyyaa miidhamanii Hospitaala Rifaraala Humna Raayyaa Ittisaa Biyyaa Dirree Dhawaatti argamu walaanamaa jiran Hojjattoonnii fi Geggeessotni Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa daawatanii jajjabeessuun deegarsa meeshaalee kan Birrii kum 20tti shalagamu taasisan.
Daawannaa kana irratti Hooganaan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsaa Obbo Isqiyaas Taafasaa akka jedhanitti Gootota miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa kan wareegama Birmadummaa biyyaa teenyaa kabajchiisuuf gumaacha taasisaa jiraniin nuti nageenyaan baanee hojjannee jiraachuu dandeenya jedhanii kanaafiis wareegama gootummaa gummaachaa jiraniif Galateefachuu fi miseensota miidhamaniis jajjabeessuuf Gamtaan mari’annee daawannaa fi deegarsa kana kan taasisan taachaa ibsanii deegarsi kuniis kan itti-fufu taachaas addeessan.
Bakka bu’aan Hospitaala Humna Raayyaa Ittisaa Koloneel Birhaanuu Zawudee gama isaaniin Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin qindoominaan dhaaba hojii cimaa hojjattuudha jedhanii Miseensota walaanamaa jiran Gaafachuun jajjabbeessuuf dhufuu keessan adda durummaa keessaniif raga kan ta’u jedhanii Hamileen Ummatni Biyyaa teenyaa fi dhaabileen miseensota Raayyaa Ittisaa Biyyaaf taasifamaa jiru duula Ol’aantummaa Seeraa kabajchiisuu jalqabame saffisaan akka xumuramu kan gargaaruu jedhan.


