Deegarsa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf Sochii Imala Miilaa geggeefame.

    ”Itoophiyaa Baraaruuf Fageenya kamiyyuu niin Imala, Wareegama hundaayuu nan Wareegama ” dhaadannoo jedhuun Sochii Imala Miilaa kan akkaan miidhagaa fi adda ta’e Magaalaa Dirree Dhawaatti geggeefame.
    Hiriira Deegarsaa kana irratti Geggeessotni Ol’aanoo sadarkaa gara garaa kan Bulchiinsaa, Hojjattoonni Dhaabilee Bulchiinsaa kanneen gara garaa , Ogeeyyiin dame Ogummaa gara garaa fi Ogeeyyiin damee Aartii irratti bobba’an akkasumaas qaamoleen Jiraatota kanneen gara garaa irratti hirmaatan Imalli Miilaa Magaalaa Dirree Dhawaatti geggeefameera.
    ”Itoophiyaa Baraaruuf Fageenya kamiyyuu niin Imala, Wareegama hundaayuu nan Wareegama ” dhaadannoo jedhuun Sochii Imala Miilaa geggeefame kanaan
     Nan Duula;
     Yoomiyyuu,
     Eessattuu,
     Waan Hundaan!
    Dhaadannoowan gara garaa darbaa turaniiru.
    * Sagalee tokkoomeen milkaa’ina Duula Itoophiyaa Baraaruu irratti Ejjannoo qabnu mul’isuuf
    * Ogeeyyii Aartii waliin taanee Gootummaa Humna Raayyaa Ittisa Biyyaaf keenya daran Onnachiisuun Deegarsaa fi Hamilee laachuuf kan geggeefameedha..