Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti ”Itoophiyaa Baraaruuf Fageenya kamiyyuu niin Imala, Wareegama hundaayuu nan Wareegama ” dhaadannoo jedhuun Sochii Imala Miilaa kan akkaan miidhagaa geggeefame irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Mahammad Buuh haasawa sirna goolabbii Sochii Imala Miilaa kan Deegarsa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf geggeefame irratti haasawa taasisaniin Hirmaatota Sochii Imala Miilaa irratti hirmaatan galateefattan.
Hiriira Deegarsaa kana irratti Geggeessotni Ol’aanoo sadarkaa gara garaa kan Bulchiinsaa, Hojjattoonni Dhaabilee Bulchiinsaa kanneen gara garaa , Ogeeyyiin dame Ogummaa gara garaa fi Ogeeyyiin damee Aartii irratti bobba’an akkasumaas qaamoleen Jiraatota kanneen gara garaa irratti hirmaatan Imalli Miilaa Magaalaa Dirree Dhawaatti geggeefameera.
Abbootiin qabeenyaa miira abbaa biyyummaan yaadaniifi qalbii sirrii qaban, qabeenya isaaniitiin goota raayyaa ittisa biyyaa tumsaa jiru. Raayyaan ittisa biyyaa ammoo imaanaa ummataatiif amanamee biyya baraaruudhaaf tarkaanfiiwwan injifannoo lakkaa’amuun dabaalame fudhachuurratti argama. Weerara keessaafi alaa dirree waraanaafi dippilomaasiitiin Itoophiyaarratti baname qolachuudhaan seenaa haaraa galmeessaa jira.
Boqonnaa Itoophiyaa baraaruuf roga hundaan duuluurratti argamnu kanatti, humnoonni qaala’iinsa gabaa nam-tolchee uumaniifi haala akka carraatti fayyadamanii duroomuuf hojjetan jiraachuun adda baheera. Lakkoofsi daldaltoota meeshaalee bu’uuraarratti gatii hin malle dabalanii muraasa ta’us, hojii isaaniitiin humna shororkeessaa TPLF/Juntaa ifatti Itoophiyaarratti waraana labserraa adda baasnee kan ilaallu miti. Kanaafuu, namoonni osoo hin hubatin qaxxaamuraan qabeenya horachuuf jecha gocha gantummaa biyyaafi ummataa kana keessatti hirmaattan ariitiin harka akka sassaabbattan dhaamna. Kanneen ilaalchaafi gochaan makamanii dirree daldalaatiin hojii baandummaafi ergamtummaa bahachuuf murteeffattan irratti mootummaan tarkaanfii barsiisaafi araarama hin qabne fudhachuuf qophii ta’uu ibsa.
”Itoophiyaa Baraaruuf Fageenya kamiyyuu niin Imala, Wareegama hundaayuu nan Wareegama ” dhaadannoo jedhuun Sochii Imala Miilaa geggeefame kanaan
Nan Duula;
Yoomiyyuu,
Eessattuu,
Waan Hundaan!
Dhaadannoowan gara garaa darbaa turaniiru.
* Sagalee tokkoomeen milkaa’ina Duula Itoophiyaa Baraaruu irratti Ejjannoo qabnu mul’isuuf
* Ogeeyyii Aartii waliin taanee Gootummaa Humna Raayyaa Ittisa Biyyaaf keenya daran Onnachiisuun Deegarsaa fi Hamilee laachuuf kan geggeefameedha.


