Deegarsa Birrii kum 750 olitti shalagamu Jiraattonni Araddaa 02 Raayyaa ittisa biyyaaf gumaachan.

    Araddoottan Magaalaa Dirree Dhawaa keessaa tokko kan ta’e jiraattonni Araddaa 02 Raayyaan ittisa biyyaaf Sinqii qoph’e kan nyaataaf Oooluu, meeshaalee gara garaa fi maalaqa Birrii kum 750 olitti shalagamu Deegarsa gumaachan.
    kurfii walharkaa fuudhiinsa Deegarsaa kana irratti Hoji Raawachiisaa Ijoon Araddaa 02 Obbo Wandimaaganyi Bashaa akka jedhanitti Waamicha Biyyaalessaa darbeen qindeessummaa Koreen Deegarsa walitti qabduuttiin baasii Ummatni buuseen kan Ummataan Qophaa’e sinqiin kun kan qophaa’ee fi Deegarsi Taasifamuu eeranii Raayyaa ittisa biyyaa deegaruuf kaka’uumsi Ummataa akkaan ol’aanaa fi kan ittifufu taachaas addeessan.
    Qophii Deegarsa walharkaa fuudhuu kana irratti keessumaa kabajaa ta’uun kan argaman Hoogganaa Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Lafaa Obbo Gabayyoo Xilaahuun akka jedhanitti Biyya isaaf jaalalala ol’aanaa Ummata qabu kanaa waliin taanee wanti nuti hin injifannee fi milkiin nuti galmeesine hin jiruu jedhan.
    Raayyaan ittisa biyyaatti Ittigaafatamaa Waajjira Laayizanii kan Dirree Dhawaa fi Hararii kan ta’an Koroneel Yohaannis gama isaaniin Deegarsi hawaasni Raayyaa ittisa biyyaaf Taasisaa jiru duula Seera kabajchiisuu saffisaan goolabuuf hamileen laatu ol’aanaadhaa jedhan.