Dhalatoonni Dirree Dhawaa kan Biyyoottan Alaa jiraattan Akaadaamii Masarat Maanneettiif deegarsa Meeshaalee Ispoortii taasisan irratti
Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Mahamad Buuh Ispoorteessitoota Akaadaamichatti leenji’aa jiraniif ergaa dabarsaniin akka jedhanitti Magaalaan teenya Dirree Dhawaa Seenaa Ispoortii Biyya teenyaa Itoophiyaa keessatti keessattuu gama kubbaa miilaan shoora ol’aanaa qabaachaa turte kan Kilaboota Liigii Biyya teenyaa Itoophiyaatti maqaa guddaa qaban kanneen dorgomtoota cimoo qofa osoo hin taane Shaampiyoonaa turan qabaachaa turte deebisuu ni dandeessuu jedhan.
Obbo Ahmad ergaa isaanii ittifufuun ga’uumsa horattaniin Magaalaa teenya qofaaf osoo hin taane Ispoorteessitoota piroofeeshinaala ta’uun Biyya teenyaa Itoophiyaafiis ofii keessaniifiis milkaa’uuf carraa qabdaniin hiree argatanitti gargaaramuun Leenjii isiniif kennamu naamusaan hordofuun Shaakkalliin guddisuu qabduu jedhan.
Akaadaamii Masarat Maanneettiif deegarsa Meeshaalee Ispoortii kana kan taasisan Intarnaashinaal Moodeel Fatiyaa fi Shokki Alii deegarsa taasisaniif Intarnaashinaal Inistiraaktar Masarat Maannee deegarsa Meeshaalee Ispoortii taasifamee fi iddoo leenjichaatti hoogantootni bulchiinsaa ol’aanoon daawatanii taasisanii hamilee isaaniif laataniifiis galatoomfataniiru.
Sirna kana irratti Koomishinariin Koomishina Dargaggoo fi Ispoortii Obbo Shaakir Ahmad dabalatee hoogantootni bulchiinsaa ol’aanoon daawatanii hamilee laataniifiif galatoomfataniiru.


