Itoophiyaan qajeelfama Koronaa ittisuu fi to’achuuf bahee hojii irra ture jijjiiree Hagayya 13/2013 irraa eegalee kan hojii irra oolu Qajeelfama Koronaa ittisuu fi to’achuuf bahee Qajeelfama L.K 803/2013) tti jijjiirte.
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’aniifi kanneen kutaa warra jabaa dhukkubsataniitti dabarfaman haala baay’ee rifaasisaa ta’een dabalaa jiraachuu hordofee qajeelfamni weerara dhibee kanaa ittisuufi to’achuuf gargaaru fooyyaa’ee ba’uun isaa ibsameera.
Qajeelfamni Ministeerri Fayyaafi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa foyyeessanii baasan kun A L I Hagayya 13, 2013 irraa kaasee hojiirra oola jedhameera.
Dhibeen Koronaa miidhaa akkan cimaa osoo hin geesse akka darbuun karaa waan ofii eeggannoo, Gochoottan Dirqisiifame, Dhorkaawan fi Dirqamootaa Nama irra, Dhaabbilee irra Hawaasaa fi Ummata irra kaa’an kan hammate
Qajeelfamni Koronaa L.K 803/2013 kun Boqonnaa 11 fi tumaawan sodomii torba kan qabuudha.
Akka qajeelfama foyyaa’ee kanaatti namni kamiyyi osoo maaskii hin godhatiin socho’uun dhorkamaa yoo ta’u, kun ammoo daa’imman umuriin isaanii waggaa ja’aa ol ta’e kan dabalatudha jedhameera.
Daa’imman umuriin isaanii waggaa ja’aa gadi ta’aniifi namoota rakkoo fayyaa argansuu qabaachuun isaanii ragaan mirkanaa’e kan hafe lammileen hunduu yeroo bakkaa bakkatti socho’an maaskii godhachuu qabu.


