Yeroo ammaa Bulchiinsa keenya Dirree Dhawaatti gosti dhibee vaayirasii koronaa Deltaa jedhamu kan miidhaa ol’aanaa sadarkaa addunyaa irraan ga’aa jiru dabalee, Daangii, Chikuguniyaa fi Busaan Bulchiinsa keenya Dirree Dhawaatti haala yaaddessaa waan mul’achaa jiraaniif
Hawaasni Bulchiinsa keenyaa marti akka yaaddoo cimaa tokkootti hubachuun miidhaa Dhibeewan weeraraa kanneeniin ga’uu danda’u ittisuu fi to’achuuf Maloota ittisaa kanneen sirriitti raawwachuu qaba
1 Hawaasni marti yeroo mana jireenya isaatiin ala socho’u hagooggii afaanii fi funyaanii ufatee socho’uu akka qabu.
2. Hawaasni marti yeroo mara qulqullina naannawa mana jireenya isaa qulqulleessee eeguu akka qabuu fi Bishaan kuufamee faayidaan ala taa’u balleessuu akka qabu
3 Dhibeewan kanneeniin Daangii, Chikuguniyaa fi Busaa ciniinsaa bookeen busaattiin nama irraa namatti waan darbaniif agoobara keemikaalaa cuuphame sirnaan itti fayyadamuun Of irraa ittisuu qabna!
Gamtaa dhaan Fayyaa keenya haa eegannuu !
Gamtaadhaan rakkoon nuti hin tarree fi hin bahanne hin jiru!
Bulchiinsa Dirree Dhawaa


