Kurfii kabaja Guyyaan Ittisa balaa Idil-adunyaa kan baranaa “Nageenyaan waliin jireenya lafarraaf’’ dhaadannoo jedhuun kabajamuu jalqabe kana irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa fi Hoogganaa Biiroo Daldala Indastiriin fi Investimentii Obbo Harbii Buuh akka ibsanitti hawaasni keenya walgargaaruu fi wal-deegaruu irratti hawaasa hanqina hinqabnee jedhanii kurfii kanaan Araddoottan magaalaa 9 irraa namoota harka qalleeyyii foo’aman deegaruun hawaasni akka waldeegaru yaadachiisuuf yaadamee kan qophaa’e taachaa ibsan.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Itti-gaafatamaan Qindeessa Irrisa Sodaa balaa Obbo Abdulsalaam Yuusuf gama isaaniin akka jedhanitti Ityoophiyaan adeemsa kana keessaatti balaawwan nam-tolchee fi uumamaa baldhinaan keessuummaassaa turuu fi ammaalleee itti fufuu isaanii ibsanii Qindeessi Irrisa Sodaa balaa Dirree Dhawaatti hojiiwan duursa balaa ittisuu fi miidhaawan balaan ga’an ittisuu irratti xiyyeefachuun hojjachaa jiraachuu addeessan.
Sadarkaa addunyaatti marsaa 44ffaaf akka Biyya teenya Itoophiyaatti marsaa 13ffaaf akkasumaas sadarkaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Marsaa 7ffaaf Guyyaan Ittisa balaa Idil-adunyaa deegarsa midhaan nyaataa laachuun kabajamuu jalqabe.


