Dargaggoota piroojektoota Ispoortii hammatamanii jiraniif Dargaggoota roga Ispoortii gara garaa irratti socho’aa jiraniif Meeshaalee Ispoortii Fifa irraa argame Deegarsa taasifame.
Sirna deegarsaa kana irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar haasawa taasisaniin akka jedhanitti isin Dhalatootaa fi jaalatoota Dirree Dhawaa kanneen Biyyoottan Alaa jiraattan hawaasaa fi magaalaa teessan yaaddattanii waan dandeessaniin gargaarsa taasisuuf tattaafii gootaniin yeroo jalqabaaf deegarsi meeshaalee Ispoortii Fifa irraa argame Dirreen Dhawaa akka argattu gochuu keessaniin golatoomaa jedhanii fuulduraas deegarsaa fi tumsa magaalaa teessaniif taasiftan daran akka cimsitan jechuun dhaaman.
Dhalatoota Dirreen Dhawaa kan ta’an Ganat waldasilaasee fi Shokki Alii Dargaggoota roga Ispoortii gara garaa irratti socho’aa jiraniif Meeshaalee Ispoortii Fifa irraa argame fiduun Deegarsa deegarsa kana laataniiru.


